(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 8, 2009) Ayyaannii guyyaa gootoota oromoo caamsaa May 02, 2009 waaree booda sa’aa 11:00am irraa egalee magaala Columbus ohio tti haala owwaan. Kabajamee ole.konyaan ohio ayyaana kana sababa godhuudhaan walgahii misseensaa fii hawaasa Columbus ohio fii naannoo issittii argamuu wajjiin kabajatee ole jira.
Walgahii ergaa ebbaa manguudootiin bannee boodaan ittii ansuun faaruu alaba faarfanne, faaruu alabaa booda dura ta’aa konyaa ohio J/ Guulummaa haasawa gabaaba erga nuuf godhee boodaan. Ayyaana guyyaa gootota kana illaalchisee keysummaan kenyaa J/TAMAAM YUSUUF MISSEENSA SHANEE GS-ABO fii ittii gafatamaa dame dantaa alaa.
Wa’ee ayyaana guyyaa gootota kana fi haala qabsoo bilisummaa oromoo keyssa jirtuu ibsaa ballaa nuuf kannaanii jiruu. Qophii kana irrattii misseensoota fii degartonii akkasuumas hawaasnii gaafii addaa addaa gaafatuudhaan debiisaan gahaan kannamtee fii jirtii. Sagantaa gaafi fi debisaa akkasuumas yaada ergaa xumuree boodaan. Walgahiin ittii fuufudhaan sagantaa gumaata (gargaarsa) godhuudhaan batalumattii tin’isa QBO busuudhaan walgahii tenyaa milkiin xumuurannee.
MOA